Rakkoon hirriba dhabuu “Insoomniyaan” maalidha? Furmaati isaa maali? - BBC News Afaan Oromoo (2024)

Rakkoon hirriba dhabuu “Insoomniyaan” maalidha? Furmaati isaa maali? - BBC News Afaan Oromoo (1)

Madda suuraa, Getty Images

Roodaas Bayyanaa obboleessi ishe quxisuun erga du’ee sodaan guutamtee halkan hirriba hin qabdu. Obboleessishee kan du’e naannoo Tigraayitti yeroo waraanni gaggeeffamu sana. Isheen Jibuutii osoo jirtuu oduu gaddaa kana dhageesse.

Sanaayyuu erga inni du’ee waggaa tokko booda. Ergasii hirribni ijasheerraa badee urjii lakkaa’aa akka bultu himti.

Halkan maqumaaf cinaachan lafa geessi malee nyaarri ijashee walirra bu’uuf sa’aatii dheeraa buustee baasuu ishee gaafata. Yaadashees sassaabdee waa’ee waan tokkorratti xiyyeeffachuuf akka rakkattu himti.

Namni biraa ogummaansaa gaazexeessaa ta’e tokkos akkumashee hirriba gahaa rafuuf akka rakkatu hima. Sababasaa wallaalus guyyootaf hirriba malee akka bulu hima.

Isa kan adda godhu, halkan sa’aatii dheeraa bibilaafi kopiitara irratti dabarsa; halkan bunas ni dhuga.

“Hirriba malee bulee ganama gara hojii gaafan deemu, amalli koo guutummaatti ni jijjiirama. Namoota waliin haasa’uu na jibbisiisa,” jechuun hirriba dhabuun rakkoo isatti uume dubbata.

Qorannoowwan garaa garaa akka agarsiisanitti, namoota gaheessa ta’an kudhan keessaa yoo xiqqaate namni tokko hirriba dhabuun ni rakkata.

Yeroo heddu halkan hirriba keessaa kaatu yoo ta’e ykn erga kaatanii booda miirri dadhabbii isinitti dhagahama taanan, tarii rakkoo hirriba dhabuu (Isoomniyaa)dhaan qabamtaniirtu ta’a.

Insoomniyaan rakkoo yeroo heddu nama mudatu yoo ta’u irra deddeebin hirriba dhabuudhan kan mudatuufi yeroon booda dandeettin waa hubachuu namaa akka hir’atu akkasumas aarii fa’iif nama saaxiluu danda’a.

Namni tokko sammuunis ta’ee qaaman fayyaalessa ta’uuf hirriba gahaa argachuu akka qabu gorsu Hospitaala Amaanu’eelitti ogeessa fayyaa sammuu kan ta’an Dr. Yoonaas Laaqawu.

Namoonni hirriba gahaa osoo hin rafin yoo bulan, bariituusaa amalaafi yaaduu irratti jijjiiramni akka mul’atu kaasu.

Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaatti pirofeesara xiinsammuufi niwuroosaayinsii kan ta’an Maatiwu Wookar, ogeeyyin fayyaa hirriba “akka qorichaatti” ajajuu qabu jedhu.

Nyaati, dhugaatin, wal-horuu fa’aan akkuma jireenya keenyaf barbaachisaa ta’e, hirribnis jireenya keenyaf barbaachisaadha jennee yaaduu akka qabnu jabeessanii gorsu.

Hirriba gahaa argachuufi dhiisuu keenya baruuf qorannoo dabalataa gaggeessun barbaachisaa ta’us, bifa lamaan baruun akka danda’amu kaasu Maatiwu.

Inni jalqabaa, ganama hirribaa gaafa kaatan sa’aatii shanitti deebitanii rafuu dandeessuu? Kan jedhuudha.

Deebin keessan “eeyyee” yoo ta’e, hirriba gahaa hin arganne jechuudha jechuun falmu.

Inni lammataa ammoo sa’aatii dheeraf waan kaafeenii qabu osoo hin fudhatin dammaqoo taatanii turuu dandeessuu? Kan jedhu yoo ta’u, deebin keessan “lakki” kan jedhu yoo ta’e gara fuulduraatti rakkoo hirriba dhabuuf saaxilamuu keessan agarsiisa jechuudha.

Insowomniyaan maalidha?

Ogeessi xiinxamuu Dr. Yoonas Laaqawu BBCtti akka himanitti, rakkoo hirribni tasgabbaa’ee ta’e dhabamuurraa kan dhufuudha.

Barsiisaa Yuunivarsiitii Addigiraatifi qorsaa fayyaa sammuu kan ta’an Obbo Yoonas Kifloomis yaaduma wal-fakkaataa himu.

Ogeeyyin fayyaa sammuu kun akka jedhanitti Isomiiniyaa bifa armaan gadiin ibsamuu danda’a: sa’aatii dheeraa hirriba malee dabarsuu, hirriba tasgabbaa’aa ta’e dhabuu, ganama erga ka’anii deebi’anii rafuu dadhabuu, waaree booda miira aarifi dadhabbii namatti dhagahamuufi kkf.

Hirriba gahaa maalif dhabna?

Ogeeyyin akka jedhanitti, namni tokko hirriba gaafa dhabaa deemu fedhiin nyaataa heddu nyaachuu ni dabala. Ogeessa fayyaa sammuu kan ta’na Dr. Yoonas Laaqawu akka jedhanitti hirriba halkaniirratti wantoota dhiibbaa fidan keessaa tokko haala itti guyyaa dabarsinuudha.

Oolmaa guyyaa keessatti sochii qaamaa taasisne yoo ta’e, dhiibbaa hojii, muddama, dhukkuba fa’aadhan dabarsine yoo ta’e hirriba gahaa argachuufi dhabuu irratti dhiibbaa of danda’e qabaata jedhu.

Dabalataanis, wantoota araada nama qabsiisan fudhanna taanan, hirriba dhabuuf akka nama saaxilu beekun gaarii akka ta’e gorsu.

Fakkeenyaf, namoonni tokko tokko alkoolii yoo dhugan akka rafan ykn dadhabbiin akka itti dhagahamu isaan taasisa. Wantoonni akka jimaafi tamboo fa’aa ammoo qaamni keenya dafee hirribaan akka hin mo’amne dhiibbaa akka taasisu ibsu.

Gama biroon ammaa halkan hirriba gaarii argachuuf wantoota akka bilbilaafi kannee biroo yaada keenya hatan ofirraa fa*geessuu gorsu.

Hirriba dhabuun fayyaa qaamaa wajjinis wal-qabata. Hojiin namatti baay’achuu, yeroo qormaanni jiru dhiphachuu, rakkoo, gaddi fa’aa yeroo nama mudatu hirribni nama akka danda’us himu.

Saalli namaas hirribaa xiqqaa rafuu ykn hirriba dhabuu wajjin kallattiin akka wal-qabatus yeroo dheeraf qorannoon gaggeeffamaa ture ni agarsiisa.

  • Hirriba keessa osoo hin dammaqiin adeemuu (sleep walking) maaliidha?

  • Kurruufun akkamiin gaa'ila diiguu danda'a? Furmaanni isaa maali?

  • Lakkoofsi 'jaalalleewwan' ciisichasaanii gargar godhatanii maaliif dabalaa dhufe?

Qorannoon akka agarsiisutti, dubartoonni dhiirota caalaa hirriba dhabuun rakkatu. Haalonni hawaasafi xiinsammuus wantoota hirriba dhabuuf sababa ta’an keessayi.

Yuunivarsiitii Istaanfoorditti qorataa kan ta’na Dr. Reensar Look akka jedhanitti, hormooniwwan qaama [dubartootaa] keessa jiran hirriba dhabuuf sababa biraa akka ta’an ibsu.

“Yeroon itti hormooniwwan jijjiiraman keessaa tokko yeroo laguun ji’aa gahuudha; kuni ammoo dubartoonni akka amala dhaban, sirriitti akka hin rafneefi yoo rafanis akka dafanii dammaqan taasisa,” jedhu Dr. Reenar.

“Sababni lammataa ammoo ‘Insomiiniyaa’ yoo ta’u, xiinsammuu wajjin kallattiidhan walitti dhufeenya qaba,” jedhu.

Hirriba dhabuuf sababa biraa ammoo umurii akka ta’etu himama. Ijoollen guyyaatti hanga sa’aatii 20 rafuu danda’u. Namni gaheessa ta’e tokko ammoo sa’aatii 6-9 rafuu akka danda’u himu Dr. Yoonas.

Namooni hanguma umuriinsaanii dabalaa deemu sa’aatin isaan rafan xiqqataa adeema. Namoonni umuriinsaanii 60-70 jiran sa’aatii sa’aatii 4-5 rafuu danda’u.

Rakkoon hirriba dhabuu “Insoomniyaan” maalidha? Furmaati isaa maali? - BBC News Afaan Oromoo (3)

Madda suuraa, Getty Images

Haa ta’u garuu namoonni sa’aatii shan rafanii yeroo rafan sanatti hirriba gaarii rafan jiru. Sa’aatinsaa gabaabaa ta’us miira gaaridhaan kaanan hirriba gahaa rafan jechuun akka danda’amu himu Dr. Yoonas.

Dr. Maatiwu Wookar ammoo namni tokko guyyaatti sa’aatii 8-9 rafuu qaba jedhanii falmu.

Insomaaniyaan nyaatan wal-qabatees dhufuu akka danda’u kan himan Dr. Yoonas namni tokko galgala sa’aatii 12 booda nyaatafi dhugaatii qabiyyeen kaafeenii itti baay’ate yoo fudhate sa’aatii itti hirribni dhufu jalaa dheeressuu danda’a.

Jireenya keessatti haalli tasaa balaa qaamaa guddaaf nama saaxilu yoo nama mudate, dhiphinni fa’aa namni tokko hirriba gahaa akka hin arganneef sababoota ijoo keessayi.

Insoomniyaa ykn hirriba dhabuu akkamitti furuun danda’ama?

Hirribni fayyaa sammuuf, ijaarsa maashaf, yeroo hirribaa dhibee uumamaa ittisuuf akkasumas dhibeewwan fayyaa kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraa sababa hormoonin wal-gituu dhabuun dhufan hambisuuf akka gargaaru kaasu Yoonas Kifloom.

Dabalataanis hirribni dandeettii ittiin dhiphinaafi muddama fa’aa dandamachuun danda’mu gabbisuuf gargaara.

Ogeeyyin fayyaa akka jedhanitti, wantoota rakkoo hirriba dhabuu ykn Insomiiniyaa fidan ofiidhuma keenyan ittisuu dandeenya.

Inni jalqabaa hirriba tasgabbii qabu rafuu shaakaluudha. Kuni, kutaa ciisichaa keessan dukkana akka ta’u gochuu, sagalee nama jeequ fa*geessudha.

Akkasumas wantoota yaada namaa hatan kanneen akka mobaayilaa, kompiitaraa, fi meeshaalee elektirooniksii biroo kutaa hirribaatii fa*geessuu akka ta’e gorsu Dr. Yoonaas.

Guyyaa guyyaan sochii qaamaa taasisuu, hirriba dura bashannanuu, kutaa hirribaafi afata qulqulleessuunis rakkoo hirriba dhabuu furuuf wantoota gargaaran keessayi.

Namni hirriba dhabuun rakkatu tokko wantoota kanneen torban lamaaf yoo shaakalu jijjiirama qabatamaa akka argu himu ogeeyyin.

Rakkoon hirriba dhabuu “Insoomniyaan” maalidha? Furmaati isaa maali? - BBC News Afaan Oromoo (2024)

References

Top Articles
Latest Posts
Article information

Author: Mrs. Angelic Larkin

Last Updated:

Views: 5838

Rating: 4.7 / 5 (67 voted)

Reviews: 90% of readers found this page helpful

Author information

Name: Mrs. Angelic Larkin

Birthday: 1992-06-28

Address: Apt. 413 8275 Mueller Overpass, South Magnolia, IA 99527-6023

Phone: +6824704719725

Job: District Real-Estate Facilitator

Hobby: Letterboxing, Vacation, Poi, Homebrewing, Mountain biking, Slacklining, Cabaret

Introduction: My name is Mrs. Angelic Larkin, I am a cute, charming, funny, determined, inexpensive, joyous, cheerful person who loves writing and wants to share my knowledge and understanding with you.